Featured

Fayyaa Beeyladoota Oromiyaa

Dhukkuboota Beeyladootaa kanneen Namatti daddarban (Zoonotic disease)

Dhukkubni daddarbaan kan inni ka’u jalqaba duraa Bineensota alaa irraa gara Beeyladootati achiin immoo gara Namaati kan ta’u dha. Uumamumaan Bineensonni tokko tokko baattoo dhukkuba yeroo isaan ta’an ni mul’ata, garuu dhukkubni kun isaan irraa hin mul’atu garuu gara Beeyladaatti ykn Bineensa biraatti yommuu darbu balaa irraan gaha.

Dhukkuboonni daddarboon Beeylada irraa gara namaatti kan daddarbu karaa addaa addaatiin:
A. Karaa nyaataa
B.Karaa qilleeensaa
C.karaa tuqatii
D.Cininuudhaan fi kkf.

Dhukkuboonni daddarboon kunis kan isaan dhufan lubbuqabeeyyii xixxiqoodhaan(Microorganism) dhaan kanneen dhufanidha.Isaanis kanneen akka:
◆ Baayirasii (Virus).
◆Bakteeriyaa (Bacteria)
◆Fangasii (Fangus)
◆Maxxantoota (Parasites)

Dhukkuba Baayirasiidhaan dhufan kanneen Beeylada irraa gaara Namatti daddarban
1.Dhukkuba Saree maraatuu ( Rabies )
2.Dhukkuba Qufaa Simbiraa (Avian influenza)
3.Qufaa Boyyee (Swine flue)

 

 

DHUKKUBA ABBAA SANGAA (ANTHRAX)


1. Seensa

Qorannoon waa’ee fayyaa beeyladaa akka waaliigalatti bara dheeraaf hojjetamee tureera. Haa ta’u; malee ammayyuu beeyladootin fi namoonni dhukkubaan saxilamaa jiru.Rakkoon qabatamaan sababa dhukkuba kanaaf jiru ittigaafatamummaa fudhachuu dhiisuudhaa, akkasumas xiyyeeffannoo to’annoo fi ittisa dhukkuba ka’aa/akka taasaa mul’atu irraatti hanqina hubannaa fi sochii to’annoo dhukkubaa irratti jirudha. Dhukubni ka’aan duraan badee kan ture deebi’ee yeroo inni mul’atu, beeyladootni akka salphaatti dhukkuban qabamuud anda’u. Dhukkubni tokko to’atamee bade erga jedhametti deebi’ee yeroon inn mul’atu ni jiraata, kanaafuu badeera jedhamee waa’een dhukkuba ka’an dagatamuun irra kan jiru ta’u hin qabu. Dhukkuboonni tokko tokko yeroo badan ykn to’atamaniiru fakkaate iyyuu haala addaatiin ofii isaa jijjiiree yeroon inni mul’atu jira, akka fakkeenyaatti yeroo haalli qilleensaa jijjiiramu, Sanyiin orgaanizimii dhukkuba fidu yeroo itti ofii isaa jijjiru ni mul’ata. Dhubboota beeyladaa kanneen ta’an, sababa tokko tokkoof akka tasaa kanneen ka’an, kanneen akka dhukkuba abbaa sangaa, qufaa boyyee, qufaa sinbiraa, abbaa gorbaa fudhachuun ni dandaa’ama.

2. Dhukkuba Abbaa Sangaa fi Miidhaa Inni Fayyaa Irraan Gahu.

Maqaan antraaksii jedhamu kan fudhatame jecha Griiki,ἄνθραξ (anthraks) cilee (cilee gurraacha) jechuudha, sababiin akkas jedhameef dhukkubni kun amalli isaa maadaa keessi isaa gurraacha’ee mul’atu googaa irratti kan baasudha.Gurraachuma keessa maadaa kana irraa ka’un antraaksii jedhamee ture. Jechi antraaksii (anthrax) jedhu yeroo jalqabaaf kan galmaaye biyya English keessatti bara 1398 ti, namticha Bartolomaas Anjeelicus (Bartholomaeus Angelicus) jedhamutu hiikee ture.

Maqaan dhukkuba abbaa sangaa ykn anthrax akka adduunyaatti maqaa garagaraa qaba ture kan akka; Siberian plague, Cumberland disease , charbon, splenic fever,malignant edema,wool sorter’s disease, and even la maladiede Bradford. Beekaan biyya Jarman, Rooberti kooch (Robert koch) yeroo jalqabaaf bara 1875’ti baakteeriyaa dhukkuba abbaa sangaa adda baasee.

Talaallii dhukkuba abbaa sangaa yeroo jalqabaaf kan argate bara 1881 ti beekaa (scientist) biyya Faransaay (France) Luis pasteur dha. Talaalli dhukkuba abbaa sangaa beeyladootaf ta’u argatee ture.Talaallin dhukkuba abbaa sangaa namaaf akka hojii irra ooluuf kan qoratame bara 1954’ti ture. Talaaliin kunis taalallii seelii hin qabne/du’aa (cell free vacine) akka kan Pasteur ( seelii kan qabuu fi jiraa kan ta’e/live cell vacine) mit. Kan Pasteur beeyladootaaf fayyada malee namaaf hin ta’u. Talaalliin seeran adda baafamee namaf qophaa’e, kan du’a ta’e (cell free vaccine) ta’e bara 1970 hoojii irra oluun namootaaf rabsame.

Dhukkubni abbaa sangaa, Dhukkuba baay’ee hamaa ta’e kan gara namaatti daddaarbudha, akkasumas baay’inaan hoosiftootaa kan qabudha. Simbirroota dhaldhalchi (spore/endospore)baakteeriyaa seenuu danda’a garuu dhukkuba kanaan qabamuu hin danda’an, garuu beeylada biraatti dadabarsuu danda’u .Dhukkubni kun baakteeriyaa qacheen isaa baasilas jedhamuun dhufa. Beeyladootni dhukkuba kanatti qabaman, halala gurtoota, foon soorratoota , kotte duuda. Haa ta’u malee beeyladootni baay’iinaan dhukkuba abbaa sangaan qabaman halala guurtoota dha. Naannoo dhukkubni abbaa sangaa duraan beekamaa turetti, rakkoon hamaan beeyaladoota nannoo sanaa irra gaha, fkny beeylada osoo hin talaalamin jiru. Namooni dhukkuba abbaa sangaan qabaman kanneen akka oogeessa fayyaa beeyladaa, hojjetoota qonnaa, warreen googaa irra hojjeetan fkn hucuudhaaf, textile, warreen dabbasaa fi rifeensa beeyladaa funaanan. Dhukkubni abbaa sangaa nama keessatti bakka saditti qoodama; kan googaa, mar’uumaanii fi kan soombaa/hargansuu.

2.1. Dhukkuba Abbaa Sangaa Waanta Fidu

Qacceen baakteeriyaa dhukkuba abbaa sangaa fiduu Baasilas jedhama, sanyiin dhukkuba kana fidu antraksii, basiilas antraasayiitii jedhama. Sanyiin baakteeriyaa kana dhukkuba abbaa sangaa kan fidudha. Baakteeriyaan kunis boca ulee kan qabu, Gram posatiivii, aerobic kan ta’edha (Figure 2).Bara 1876 tti Robert Koch nama jedhamuun akka dhukkuba fidu qoratamee kan ture dha. Baakteeriyaan baasilas antraasayitiin summiiwwan humna qaban lama maddisiisa isaanis, kanneen akka exotoxins (toxin qaama isaa irraa omishamu) and lethal toxin (toxin ajjeessa). Baay’inaan bakteeriyaan antraaksii du’aan booda, raqa beeylada du’e keessa turuu hin danda’u sababiin Isaas baakteeriyoota anerobic (kan oxygen hin jaalannen) dorgomamee mo’amuun barbadaa’a. Haa ta’u malee, karaa dhiiga afaani, funyaani fi karalee biroo uumamaan qawwaa ta’aniin gara alaatti baha, yommuu baakteeriyaan kun gara oksijiiniitti bahe dhandhalcha uumachuudhan damdamachuu danda’a.

Yommuu dhandhalchi baakteeriyaa kara hargansuu seenutti, gara alveolar sombaatti deemuudhaan seelota maakrofeejiidhan qabamee gara ujummoo lymfii ti dhaqa, achiin xannacha lymfii naannoo walakkaa holqa laphee seena. Dhandhalchi fi baakteeriyaan kun naannoo walakkaa laphee bukkee sombaatti qaama irratti miidhaa fiduudhan, lapheen akka dhukkubu taasiisa, achirraan dhukkubsataan harganuu hin danda’u jechuudha. Dhandhalchi baakteeriyaa antraaksii xannacha lymfii keessatti gara seelii baakteeriyaatti ofii isaa jijjiruun erga walhoree boddee makroofegii dhoosuudhan baha, erga bahee gara marsaa dhiigaa seenuudhan qaamaa hundumaatii rabsama(Fakkii 1).

 

Egaa amalli baakteeriyaa kanaa summii maddisisuudhan gad lakkisa, summoonni kunneennis lethal factor ( seelii du’aaf kan saaxilu) ,edema factor( dhiitoof kan saaxilu) fi protective antigen (antigen ittisaa) dha. Summiileen kunnin kan hamaa ta’an yommuu walitti dabalamanidha ykn tokkuumma yommuu qabaatanidha . Yommuu protective antigen fi lethal toxin fi edema toxin walitti dabalaman dha. Summiin kunis akka tishuun caccabu/diigamu, akka dhiigni dhiiguu fi beeyladni du’u taasiisa. Sababiin baakteeriyaan antraksii ajjeessa ta’eef wantota lamatu jira; tokkoffaa “poly-D-glutamic acid capsule”kunis kan gargaaru baakteeriyaan fagoosaytoosis( qabamuu ) seelii dhiiga adii neutrophil jedhamun qabamuu irraa ittisa. Kan biroon immoo tripartite toxin (summii gos sadee), summiin gos sadee kun waal makinsa summii ajjeessa, dhiitessaa fi ittisaa (protective antigen).

anthrax pathogenesis

Fakkii 1. Akkaataa dhukkubni abbaa sangaa qaama beeylada keessatti guddatee, beeylada ajjeesu.

Yommuu seeliin ajjeessa fi antigen ittisaa walitti makaman summii ajjessaa uumu. Akkasumas antigen ittisa fi seeliin dhiitessan walitti makamuun summii dhiitesuu uumu.Summiin dhiitessaa akka dhiitoon googaa jalaan naannoo mormaa, handaraafaa fi gateettitti beeyladaa irratti bahu kan taasisudha. Seeliin ajjeessan immoo seeliin qaamaa akka du’u kan taasisudha.Kan dhiitoof sababa ta’u calmodulin dependent adenylate cyclase jedhama. Adenylate cyclase kun si’eesituu (enzyme) kan ATP gara cyclic AMP (cAMP) fi pyrophosphate ti jijjirudha. Yommuu cAMP ni calmodulin wajjiin waal qabatan, calmodulinin kalsiyeemii signaalii si’eessituu (triggered signal) wajjiin walqabate irraa adda baha/gadhiisa, kunis akka maashaan kotoonfatee hin diriirre googsee hambisa. Kalsiyeemiin qaama keessatti akka maashaan diriree kotton fatuuf kan gargaarudha .

Humni ittisa qaamaa beeyladaa kan inn dadhabuuf, sababbii lethal factor kan jedhamu gosa dhiiga adii ‘neutrophils’ dadhabsiisuuf, neutrophils si’ahuu baannaan baakteeriyaa kana to’annoo jala galchuu hin danda’u, sanaan booda baakteeriyaa qabuu hin danda’u jechuudha. Lethal factor kunis akka seeliin macrophage TNF-alpha fi interleukin 1, interleukin beta uumu taasisa. TNF-alphan cytokine kan ta’e dha, innis jalqabatti humna ittisa qaamaa kan to’atudha, akkasumas Infilaameeshiinii kakaasa, seelii ofiin of ajjessuu (apotosis yln programes cell death) to’ata. Interleukin 1, beta kunis cytokine ta’eetu, inflameeshii fi apoptosis to’ata. Yommuu TNP-alpha fi Interleukin betan baay’inaan yommuu maddu beeyladootni akka of wallaaluu (saba dhiigaa wajjin waal qabate, shock) ta’u, achiin booda ni du’u.

                                          Anthrax2009

Fakkii 2. Bocaa fi casaa baakteeriyaa dhukkuba abbaa sangaa fidu.

2.2. Faffacaa’insa fi bakka argamsa baakteeriyaa anthrax

Dhukkubni kun bakka maraatti argama akka biyyoolessaatti, garuu adduunyaa ardii torban irraa ardii Antarctic ti hin argamu. Dhukkubni kun dhukkuba waaktii waan ta’eef, waantotni ka’insa dhukkuba abbaa sangaatiif sababa ta’an kannen akka: alkaline (bezii), calcareous soil, biyyee acid xiqqoo qabu, bakka ho’aa fi dhiqamuu biyyee/loolaa, bookaa akka malee roobuun dhandhalcha biyyee keessa waggaa baay’eef ture baasee gubbaa lafaatti mul’isa, hongee.

2.3. Akkataa daddarbinsa dhukkuba abbaa sangaa

Beeylada keessatti akkaataan dhukkubni abbaan sangaa itti darbu, yommuu beeyladootni dhandhalchaa fi baakteeriyaa nyaatan, hargansuudhan fudhatan, akkasumas karaa gogaa tarsa’aa. Beeyladootni marga sooratan dhandhalcha baakteeriyaa dhukkuba abbaa sangaa fidu biyyee keessa soorachuudhan. Beeyladootni foon sooratan immoo foon faalama fi lafee irraa qabamuu danda’u. Akkasumas hallaattin raqa soorratuu fi ilbisoonni dhiiga beeyladaa sooratan kannen akka titiisa hiddaa fi kan biroon beeylada dhukkubsate ykn raqa beeylada du’ee irraa gara beeylada fayyaatti dabarsu. Hallaattiin raqa soorratuu/culuullee kan biroon dhukkuba kanaan hin qabaman garuu baattoo dhandhalcha ta’uu danda’u, yommuu bakka beeyladni soorratan yoo qubatan dhandhalcha baakteeriyaa dabarsuu danda’u. Sababiin hallaatiiwwan hin qabamneef ho’i qaama isaan ol ka’aa waan ta’eef of irraa ittisu.

Beeylada du’e keessatti baay’inaan baakteeriyaa baasilas antrasytii dhiiga karaa uraa uumaman beeylada irratti argamu keessan gara biyyeetti gad yaa’a. Bakkteeriiyaan yommuu gara qilleensa, oksijiiniitti mul’atutti dhandhalcha uummachuudhan damdamata. Dhandhalchi kun biyyee, googaa fi dabbasaa beeyladaa keessa waggaa dheeraaf turuu danda’a.Aannan keessa waggaa 10’f, bishaan keessa immoo waggaa 2’f turuu danda’a. Garuu seeliin baakteeriyaa raqa keessa guyyaa muraasa tura, sababiin isaa raqa keessatti dhandhalcha uummachuu waan hin dandeenyeef ni du’a, sababiin isaas asiidiin raqa keessatti takka turee waan uumamuuf, asiidiin kun dhandhalcha umuuf hin mijatuuf.

Namni dhukkuba abbaa sangaatiin kan qabamuu danda’uu yommuu foon, fi bu’aa beeylada dhukkubsataa irraa argamu sooratudha. Akkasumas kara googaa citee yoo dhandhalchi achiin galu, karaa hargansuu illee ni daddarba. Hargansuun kan mul’atu yommuu dhandhalcha baakteeriyaa bu’aa beeykadaa irraa argamunvkannen akka gogaa, dabbasaa fi rifeensa, labooatooriitti sanyii baakterriyaa horsiisan irraa gara sombaatti fudhatamedha. Biyyoota tokko tokko keessati baakteeriyaan kun akka meesha loolatti ni fayyaadama. Warreen shiroorkeessa ta’an, baakteeriyaa kana qilleensa keessa bakka murtaa’e irratti gad dhiisuudhan, akka meeshaa loolaatti fayyaadamaa turan.

Baakteeriyaan antraaksii dhandhalcha yommuu uummatutti hoo’atti, ifa aduutti, goginsattii fi disinfectants (qiricha bacteeriyaa balleesuu) of birraa ittisuu danda’a. Garuu keemikaala kanaan gadiitiin ajeefamuu danda’a: formaldehyde or 2% glutaraldehyde; Kan dhandhalcha baakteeriyaa dhabamsiisu kan akka sodium hypochlorite. Chloride dioxide yommuu formaldehyde gas wajjin walitti makkamu. Akkasumas hoo’isuudhan, 121°C daqiiqaa 30’f.Hamma turtii dhukkuba abbaa sangaa erga baakteeriyaan seelii seene hamma mallatootti Nama keessatti guyyaa 1-7’tti.Kan googaa guyyaa 2-3 booddee.kan mar’uumanii guyyaa 2-5’tti, akkasumaas gabaabachuu danda’a sa’a 15.

 

 

 

 

 

 

2.4. Mallattoo dhukkuba abbaa sanga

2.4.1. Mallattoo nama keessatti

Dhukkubni abbaa sangaa Nama keessatti bakka saditti qoodamee jira isaanis: kan googaa, sombaa fi mar’ummaanii jedhamu. Dhukkubni abbaa sangaa googaa namaa naannoo moormaa, harkaa fi miila irratti yeroo maraa dhaabbataadha. Dhukkubni kunis guyyaa 1-7 tti tura, sanaan booda yaaliin hin jiru taanaan namnni dhukkubaan qabame duu’aaf saaxilama. Namoonni naannoo mana qalii, googaa duguu fi dabbasaa hoolotaa mummuruu irratti hojjetan dhandhalcha baakteeriyaa karaa hargaanuudhaan faalamuu danda’u. Kan sirna buula’insa nyaata wajjiin walqabatu immoo jalqaba dhandhalchi baakteeriyaa nyaatameen ujummoo bulaa’insa nyaataa warra jalqabaa kan akka ujjummoo afaanii fi garacha waal qunnamaiisu, garaacha fi mar’uummaan irran miidhaa fida.

Mallattoolee hargansuu/somba wajjiin walqabatee jiru nama keessatti:
• Gubbunsa qaamaa fi holkachiisuu/qirrisiisuu
• Lapheen dhukkubuu
• Hargansuu gabaabaa
• Jeeqamuu, jaanja’uu
• Qufaa goggogaa
• Ol of guuruu, hooqisiisuu,
• Dhukkubbii garaachaa
• Dafqisiisuu
• Dadhabbii ulfaataa
• Mataa dhukkubbii
• Dhaqna dhukkubbii /dhukkubbii maashaa

Kan garaacha fi mar’ummaan wajjiin walqabatu:

Dhukkubni kun kan mallatoolee mul’isu yommuu namoonni nyaata bu’a ( aannan, foon) beeyladaa dhukkuba abbaa sangaan qabame irraa argamu sooratamudha.Baakteeriyaan yommuu dhandhalcha isaa irraa gara seelii isaatti jijjiramu, ujjummoo mar’ummaanii akka maadaa’u godha. Madaa’uun maar’ummaaniis akka dhiigni mar’ummaan irraa dhiigu taasisa.

Mallattoon Dhukkuba abbaa sangaa sirna bullaa’ina nyaataa wajjiin waalqabatu bakka lamatti qoodama isaanis: Kan garaa fi afaan hanga liqimsituu ti jirudha.

Qorrisiisuu fi guubinsa qaamaa
• Dhita’uu mormaa fi xannacha moormaa
• Maadaa’uu qoonqoo liqimstuu
• Dhukkubbii yommuu waa liqimsamutti
• Ol of guruu, hooqisiisuu fi dhiiga hoiqisiisuu
• Dhiiga albaasuu
• Mataa dhukkubbii
• Ija fi fuulli diimmachuu
• Dhukkubbii garaachaa
• Dhiita’uu garaachaa
• Nyaata liqimsuu dadhabuu
• Dhiita’uu naannoo mormaa ykn kokkee, sababiin dhiita’uu moormaa kan ta’e waanti akka dhangala’oo googaa jalatti kuufamuu(edema) fi xannacha liimfii mormaa dhiita’uu
• Dhahannaan onnee dabaluu

Mallattoo googaa wajjin walqabatu

Mallattoon dhukkuba abbaa sangaa googaa namaa irratti kan inni mul’atu, yommuu baakteeriyaan ykn dhaldhalchi baakyeeriyaa kara googaa citee seenudha. Baakteeriyaan erga googaa cite seenee booda, lethal toxin fi edema toxin lakkisuudhan tisuuleen qaama naannoo googaa akka du’u godha. Seeliin erga du’ee naannoo isaatti waanta akka bishaanii kuufachuudhan maadaa keessi isaa gurraachatu uumama. Madaa keessi isaa dhangalaa’an guutee ykn bishaan kuufatee achiin immoo, madaan kun gaad urachuum wanta akka geengoo ta’ee gurraacha’u googaa irratti mul’ata. Madaan kun naannoon qarqara isaa diimateetu walakkaan isaa gurracha’uun mul’ata , akkasumas kan nama hin dhukkubne ta’ee naannoo isaa dhiita’ee bishaan kufatee argama (Figure 3 ).

Fakkii 3. Mallattoo dhukkuba abbaa sangaa kan gogaa namaa irratti mul’atu

2.5. Qorannoo fi yaalii dhukkuba abbaa sangaa

Baakteeriyaa dhukkuba abbaa sangaa eedattoo isaa fuunanuudhan, akkasumas labooratooriitti horsiisuudhan Baakteeriyaa sanyii isaa adda baasuudhan. Eedattoon kunis kan fudhatamu, dhiiga, dhangala’oo googaa maadaa’ee irraa, xannacha limfii ykn rajii irraa, dhiitoo googaa garaa jalaa ykn dhangala’oo kuufame irraa, achi irraan immoo kallattiin labooratooriitti islayiidii ykn bifa qalama itti dabaluudhan stain hojjeechuu. Baakteeriya sanyii isaa adda baasuudha. Baakteeriiyaan kun yommuu stain ta’u booca akka ulee ta’eetu dhuma isaa irratti square dha, akkasumas qoofaa ykn walharkiisuudha akka calleetti.

Baakteeriyaa kunis erga laabooratooritti horsiifamee/culture blood agar/ nyaata isaa kan irratti horsiifamu dhiiga irraa kan qoophaa’e)s; adii waal qixxaatee kan jirudha, dhiiga kan hin caccabsinedha.ta’ee kan inni fakkaatuu Kan biroon polymerase chain reaction PCR dhan addaa baasuun ni danda’ama. ELISA farra qaama / baakteeriyaa adda baasuuf gargaara.

Akkataan itti eedattoo funaaname gara islaayidii irratti maxxansuudhaan qalama itti dabalamee maakroskopii jalatti ilaalamu akka kanaa gadiiti:

Jalqaba eedatto (sample) dhiiga, dhangala’oo dhukukkubsata irra fubaaname gara mana yaaliitti geeffama.Achiin booda islaayidii qulqulluu ta’e irratti dabarfamuudhan, qilleensa keessatti raasuudhan googfamuudhan akka islaayidiitti maxanuuf gargaara. Achirraan eeddattoon kun islaayidii irratti erga maxxanee booddee, qalama kan ittin stain ta’u polychrone methylene blue/M’Fadyean’s ykn giemsa stain/ itti nam’ee xiqqoo turuun irraa dhiqama. Baakteeriyaa kunis kan akka callee/ waal qabatu ykn qopha isaa akka ulee ta’ee roga afur kan qabudha ykn dhuma irratti iskuweerii kan ta’edha, akkasumas cuquliisa gurraacha kan ta’e ta’etu capsule caasan isa haguuge jiru pink/gara diinachuurtti deema.PCR qoorannoo baakteeriyaa kanaaf kan gargaarudha, innis summii fi jiinii/gene capsule baakteeriyaa mul’isuuf kan tajaajiludha.Ascoli test kan jedhamu thermistable farraqaamaa kan ta’e baakteeriyaa raqa du’e ykn bu’aa beeylada irraa argamuu keessa ilaaluuf fayyada.

2.6. Dhukkuba abbaa sangaa beeyladoota keessatti

Halala guurtootni baay’ee dhukkuba kanaan qabamu, fardi hamma tokko fi hallaattiwwan sirumma iyyuu qabamuu hin danda’ani. Warreen akka saaree, adurree xiqqoo hin qabaman garuu yoo hammeentaan baakteeriyaa ykn dhandhalchaa baay’inaan sooratan qabamuu danda’u.Turtiin mul’achuu mallatoo dhukkuba kanaa warra marga dheedankeessatti guyyaa 3-7 booda.Booyyee keessatti torbee 1-2 tti.Mallattoolee dhukkuba abbaa sangaa Fakkii 4 irratti mul’ataadha.

Mallattoo dhukkuba abbaa sangaa beeyladoota keessatti bakka afuritti qoodama;
• Baay’ee kan saffisu, baay’ee akka tasaa kan ta’e/peracute
• Kan saffisu, akka tasaa/acute
• Giddugaleessan /subacute
• Kan turu/chronic.

Mallattoo halala guurtoota keessatti:

Mallattoon baay’ee saffiisaa jedhamu, osoo mallattoo beeylada irratti hin mul’atiin akka tasaa beeylada ajjeesuudhan mul’ata.Garuu beeylada tokko tokko irratti mallattoo akka dhaabii dadhabuudhaan kufuuf bitittisuu, hollachuu qaama hundumaa, harganuu dadhabuu fi dhimanirratti ajjeesuudhan beekama. Hanga guyyaa lamaa osoo hin ajjeesiin dura mallattoon jiru acute isa jedhudha. Bakka kanatti immoo mallatoolee akka hoo’insa qaamaa dabaluu/gubinsaa qaamaa, hollachuu maashaa, harganuu dadhabuu, gurracha’uu mucous membrane, beeylada riimaa gatachiisuu fi hammi aannan xiqqachuu. Yeroo tokko tokko dhiigni karaa afaan, funyaa fi udduu/anus yaa’uun mul’ata.akkasumas mallatooleen akka dhiitoo gogaa jalaan/sucutaneous edematous swelling naannoo jala kokkee, morma , handaraafa fi gateettii irratti mul’atudha.

Mallattoo kotte duuda keessatti:

Farda keessatti mallattoo jiru saffiisan kan ta’u kan akka; hoo’insa qaamaa/gubinsa qaamaa dabaluu, qorrisiisuu, nyaata jibbiisuu, garaa ciniinna hamaa fi dhiiga albaasuudha.Dhiitoon nannoo mormaa, handaraafaa, jala garaa fi qaama waalhormaata alaa irratti kul’atudha. Harganuu dadhabuu sababii dhiitoo naannoo mormaa irra jiruuf. Beeyladni dhukkubaan qabame guyyaa 1-3 gidduutti du’uu danda’a. Garuu beeyladni toko tokko hanga torbee turuu danda’u.Booyyee, saree fi adurree keessatti mallatooleen jiran kan turuuf/chronic fi giddugaleessa saffisaa/subacute kan ta’e dhiitoo xannachaa limfii, gubinsa qaamaa, dhiitoo naannoo liqimsituu kun sababa beeyladni akka waa hin liqimsine fi harganuu dadhabu godhudha.Kan mar’umman wajjin wal qabatu immoo nyaata jibbisiisuu, hooqisisuu, albaasuu fi googinsa garaa darbee ni nul’ata. Boyyeen tokko tokki anthrax irraa ni fayyu, garuu yeroo qalmaatti, mallatoon nannoo huba qoonqoo fi xannacha limfii mormaa irratti mul’ata. Saree irratti dhiiguun mar’ummaanii ni mul’ata, akkasumas dhiita’u kottee ykn miilaa.

2.7. Waldhaansa dhukkuba abbaa sangaa

Sanyiin baakteeriyaa B.anthracis uumamaan farra baakteeriyaatti ni barbadaa’a/ bada, garuu hunda mit. Farri baakteeriyaa kunis seelii baakteeriyaa malee dhandhalcha balleessuu hin danda’u. Waldhansi kunis yoo xiqqaate hanga ji’a lamaatti ta’uu qaba, kan hargansuu wajjiin waal qabatu yoo ta’e. Sabaabiin guyyaa hama kanaa waldhansi turuuf akka tasaa dhandhalchi baakteeriiyaa somba keessa turuudhan gara seelii baakteeriyaatti jijjiramuu waan danda’ufidha.Akkasumas waaldhansi gargaartuun, kan mallattoo dhukkubaan dhufee dhangala’oo qaamaa hir’ise bakka buusuuf gargaaru fknyf albaatii, hooqqii fi kan biraa bakka buusuuf kan gargaarudha. Kunis kan hargansuu fi mar’uummaan wajjin waal qabatuuf gargaara. Waldhaansi kan mar’ummaanii fi hargansuu wajjiin wal qabatu akka salphaatti dafanii waaldhanuun ni ulfaata, garuu kan googaa dafamee waal dhaanama.Dawwaan dhukkubsaata dhaaf kennamu kanneen akka; penicillin, doxycycline, ciprofloxacin kkf.dha.

2.8. Qorannoo Raqa beeylada du’e irratti taasisamu

Dhukkubni abbaa sangaa halala guurtota keessatti saffisaa waan ta’eef utuu mallattoo hin agarsiisin beeylada ganama du’etu argama. Dhikkubni abbaa sangaa erga beeylada ajjeese dhiiga hin hittitne karaa uumaman uuraa/banaa ta’e (funyaan, afaan, uduu fi kkn) keesaan yaa’a. Garuu dhukkubni biraan kan dhukkuba abbaa sangaa wajjin nama wallaalchisu, dhukkuba laamshesuun beekamu dhukkuba boochulisimii/botulism dha. Dhukkubni boochulisimii kunis baakteeriyaa klostridium boochulinam( clostridium botulinum) jedhamuum dhufa. Innis beeyladni akka laamsha’u (flaccid paralysis) kan godhudha. Dhukkubni boochulisimii kun kan dhukkuba abbaa sangaa wajjiin nama wallaalchisu, yeroo beeyladni du’utti dhiiga karaa afaani fi funyaan yaasa. Garuu kan isaa lachuu adda ittin bahan, boochulisimii keessatti dhiiga hittitaatu karaa uuraa uumaman jiruun baa’ee mul’ata, kan dhukkuba abbaa sangaa garuu dhiiga hin hittitnedha.Beeyladni erga du’e, maashaan beeyladaa baay’ee jabaataa ta’a, raqni beeylada du’e baay’ee bokoka fi dafee decompose/diigama. Dhiigni gurraacha’ee kan hin hittitne uuraa uumama (afaan, fuunyaan fi udduu keessaa) beeylada irraan yaa’a.

Dhiitoo naannoo qoonqoo, mormaa fi xannachiita limfii irraatti. Akkasumas dhiiga xiqqoo xiqqoo darbee maashaa fi googaa jalatti mul’atu. Dhiigni fi urachuun tishuu maar’immaan keesaati argamuu. Rajjin/spleen dhaqeetu baay’ee guddachuudhaan, ni lallaafa, bifti isaa dhaqeetu gurraacha diimaa ta’a. Kaleen, tiruu fi xannachi limfii dhiita’uun dhiigni keessatti hafee gurraacha’a. Boyyee keessatti anthraxn turuun kan inni mul’atu, nannoo liqimsituu keessatti madeessudhaan. Akkasumas huuba qonqoo dhitessuu fi xannacha limfii nannoo mormaa dhiiteessuu dha.

2.9. To’annoo fi ittisa dhukkuba abbaa sangaa

Talaallii bakka dhukkubni kun dhaabbataan itti mul’atutti , talaallii modified live vaccine jedhamu beeyladootaaf kennuudhaan ittisuun ni danda’ama. Beeyladootni waqtiin dhukkubni kun itti ka’u osoo hin gahiin, waggaatti talaalamu qabu. Akka dhandhalchi baakteeriyaa hin uumamne gochuuf raqa beeylafa du’ee banuu dhisuun barbaachisaadha. Warreen raqa nyaatan kan akka culullee fi allaattiiwwan, saree fi waraabbeessa raqa kana irraa fageessudhan dhukkuba kana ittisuun ni danda’ama. Raqa beeylada dhukkuba abbaa sangaan du’e, gad fageessanii awwaaluudhaan, calcium oxide ykn calcium carbonate ykn dhagaa hoofii daakuudhan irra isaatti naquudhan jabessanii ukkamsuudha.Akkasumas raqa beeylada du’ee jiruu hatatamaan of eegannoodhaan gubuun baay’ee kan barbaachisudha (Figure 5).

Fayidaan dhagaa hofii ykn calcium oxide,akka baakteeriyaan hin sochoone achi keessatti akka turu kan gargaaridha. Kalsiyeem karbonatiin ykn dhagaan hoofii erga beeylada duu’e boollaa keessatti awwaalamee jaabeesse akka bishaanii fi qilleessi hin seenne godha. Bishaanii fi waanti baakteeriyaan barbaadu gara keessa boollaatti hin seenu tanaan, baakteeriyaan gara biraatti sochoo’uu waan hin dandeenyeef achumatti du’a jechuudha.Bakka biyyeen dhandhalchaan faalametti keemikaala formaldehyed dhaan qulqulleessudha. Yeroo dhukkubni kaa’usatti beekame farrabaakteeriyaa kan ta’e beeylada hundumaaf dursaanii kennuudha.Qorichi kun talaalli wajjiin walirra kennamuu hin qabu, sababiin isaa talaallin kun baakteeriyaa jiraa irraa waan hojjetamu, yommuu qoricha farra baakteeriyaa wajjin walmake sanyii baakteeriyaa talaallii irraa argamu du’uudhan fayidaan ala ta’a.

Bakka dheedicha beeyladootaa bakka dhandhalcha baakteeriyaan faalamee irraa jijjiruudhaan, hammeentaa dhukkubni kun beeylada birootti darbu ittisuun ni danda’ama. Walumaa galatti qulqullina adda ta’e eegudhaan fi beeylada dhukkubsate ofeegannoodhan adda baasanii waldhaanuudha. Namni dhukkuba kanaan qabamuu irraa bilisa ta’u yoo barbaade, duraan dursamee fayyaa beeyladootaa eguun of eegannoo fi itti gafaatammuma nama kami irraa eegamudha. Ogeessonni fayyaa beeyladaa, warreen mana qalii keessa hojjetan beeylada dhukkuba kanaan qabame irraa of eeggachuu qabu.

Beeyladni tokko bakka tokkoo gara biraatti ykn biyya tokko irraa daldaalaf yommuu geejibamanitti, qorannoon cimaan irratti godhamuu qaba. Namoonni industrii huccuu, kan nyaataa, lafee, googaa, dabbasaa irra hojjetan akka of eeggannoo guddaa godhan, sababiin isaas dhandhalchi baakteeriyaa wanta beeylada irraa gara industritti darbu irra turuu waan danda’uuf. Ogeessi fayyaa beeyladaa yommuu beeylda dhukkubsate waldhaanu haala uffanaa fi meeshaa ittin hojjetu qulqullinatti eegachuu qaba. Talaalliin namoota naannoo dhukkubni kun kaa’ee jiru jiraniif keennamuu qaba.

Fakkii 4 . Mallaattoo dhukkuba abbaa sangaa beeyladoota keessatti,erga beeyladni du’ee mul’atu.Dhiiga hin ititiin karaa uraawwan uumamaan jiran kan yaa’u, akkasumas beeyladni du’e ni bokoka.

 

Fakkii 5. Ittisa dhukkuba abbaa sangaa akka hin tatamsaaneef wanta godhamu keessa, beeylada du’e gubuu fi awwaaluudhaan.
Continue reading “Fayyaa Beeyladoota Oromiyaa”

Advertisements

Fayyaa Beeyladootaa

Dhukkuba Gatachiisaa( Brucellosis)


Seensa

Dhukkubni beeyladootaa kan baakteeriyaa dhaan dhufu baay’eetu jira.Oromiyaan biyya badhaatuu qabeenyaan guuttee taatee kan jirtudha. Qabeenyi Oromiyaan qabdu kanneen akka albuuda uumamaan jiru, maddeen bishaanii, biqiloota fi bineensota,beeyladoota hammaan baay’ee ta’an qabdi. Haa ta’u malee , gara fayyaa beeyladootaa fi bineeldota biyya keenya keessa yommuu ilaalamu, beeyyladootni baay’een dhukkubaan dhumaa jiru. Dhaabbanni fayyaa biyya keessa jiru xiyyeeffannoo hagasmaraa waan itti hin laanneef yeroo baay’ee beeyladootni dhukkubaan dhuumaa jiru. Du’uun fi dhukkubsachuun beeyladoota biyya keenyaa guddina dinagdee Oromiyaa irratti dhiibbaa fi kufaatii guddaa fidee jira. Kufaati dinagdee oromiyaa kan kuffisus dhukkubasachuu beeyladootaa, akkasumas dhoksamuu dhukkuboota beeyladootaati. Dhukkubni tokko gurmuu beeyladootaa keessatti utuu jiruu hin jiru jedhamee yoommuu gabaafamu kun dhiibbaa guddaa baay’ina beeyladootaa xiqqeesuu fi hamma qulqullina beeyladootaa xiqqeesaa tureera. Egaa gara fuula duraatti qorannoon akka oromiyaatti ogeessota fayyaa beeyladootaa diploomii kaasee hanga isaa olaanaatti jiruuf dhaamsa guddaa dabarsuu barbaada barreeffamni kun. Damaqqaa Oromiyaa haa daggaagsinu fayyaa beeyladaa, kan namaa illee haa eegnu.

Haa ta’u malee; kanneen naannoo Oromiyaatti beekaman keessaa kanneen irratti xiyyeefataman kan akka:

  • Dhukkuba gatachiisaa
  • Dhukkuba Abbaa sangaa
  • Dhukkuba Abbaa gorbaa
  • Dhukkuba Gororsiisaa
  • Dhukkuba listeeriyoosiis
  • Dhukkuba sombaa ( Tuberculosis)
  • Kontaajiyas piluroo niyuumooniyaa kan sangaa fi saawwaa( contagious pleoro pneumonia)
  • Baakteeriyaa dhukkuba googaa fidu( Dematophilosis)
  • Dhukkuba ija beeyladootaa diimesuu( Keratoconjuctivitis, moraxella spps)
  • Dhukkuba tyfooyidii beeyladootaa( Salmonelosis, albaasaa)
  • Tyfooyiidii lukkuulee( salmonelosis,pullorum, typhoid) fi kk.

 

Dhukkuba Gatachiisaa Fi Ittisa Isaa

Dhukkubni gatachiisaan dhukkuba daddarbaa kan beeylada irraa gara namaatti darbudha.Dhukkubni kun gatachiisuu fi maseensuudhan beekama. Dhukkubni gatachiisaan kan inni mul’ate bara 1850, biyya biritish keessati Ogeessa fayyaa (Doctor) Jeffrey Marston jedhamuun. Ogeessi kunis akka ibsetti gubinsa qaamaa (fever) isa mudate irra, gubinsi qaamaa kunis gubinsa isa kaan sababa biraadhaan isa qabaa ture irraa adda jedhe. Bara 1887 sanyiin baakteeriyaa dhukkuba gatachiisaa fidu rajii/spleen looltu biyya maaltaa keessa adda baafame. Sanyiin baakteeriyaa kunis Bruuseellaa(brucella); “brucella melitensis” jedhama. Akkasumas gosti gubinsa qaamaa kunis biyya malta jedhamutti yeroo jalqabaaf waan argameef malta fever jedhame.

 

Bara 1887( ALF) sanyiin bruusellaa kan B.melintensis jedhamu yeroo jalqaabaaf biyya englaand Maltaa tti argame ture. Akkasumas, bara 1897(ALF) tti biyya Deenmaark keessatti namticha Baang( Bang) jedhaamuun sanyiin baakteeriyaa B. abortus adda baafamee ture.Bruuseellan ardii Afriikaa keessatti bara 1906 Afriikaa kibbaatti argaameeture, akkasumas biyya Misirri ykn Ijibtitti bara 1939 qorannoon adda baasame tureera.

Gosti gubinsa (dhaqna gubaa) kanaas olkaa’aa gad bu’aa adeema jechuunis hammi hoo’ina qaamaa baay’ee olkaa’eetu gaad bu’a(undulant fever). Spleen:afaan Oromoo ishee rajii jedhu akka naannoo tokko tokkotti , spleen/rajiin kan argamu garaachatti maxxaneetu argama, halluun ishee tiruu fakkachuu dhaqa). Bara 1904 tti Ogeessi biyya Maltaa Temistookli Zammit (Themistocles Zammit) jedhamu akkaataa daddarbinsa dhukkuba kanaa qorannoo irratti geggeesse; akka qorannoo isaatti sanyii baakteeriyaa bruseellaa kan inni laaboraatooritti hoorsiisee(culture) keessa re’ee isaaf laate, xiqqoo turee fincaan, aannan fi dhiiga re’ee fuudhuudhaan mala islaayidii irraatti baakteeriyaa san maxxansee maakirooskoppii jalatti ilaaluudhan baakteriyaa argachuuf qoratee ture. Akka bu’aa qorannoo isaatti dhukkubni kun aannan baakteeriyaa bruuseella dhaan faalameen akka namatti daddarbu goolabee ture. Akkasumas waggaa kudhanii boddee akka dhukkubni kun gatachiisu qorannoon argamee ture. Maarree gara biyya keenyaatti yoo dhufne namoonni baay’een dhukkuba gatachiisaan qabamuudhan fayyaa isaanii dhaabaniru.Egaaa qorannoon akka gaariitti adeemsifamee, uumataaf gorsi keennamu qaba.Dhukkubni gatachiisaan (brucella) kan inni daddarbuu karaa tuqaatiidhaani, tishuu, dhangalaa’oo kan akka aannanii, fincaan, tishuu fi dhangalaa’oo dil’uu wajjiin jiru yommuu nama ykn beeylada birootti bu’u dhukkubni kun daddarbuu danda’a. Maakroo orgaanizimoonni beeyladootni akka gatatan godhu kanneen akka baakteeriyaa: Leptospira interrogans, Coxiella burnetti, Listeria monocytogenes, Campylobacter fetus, C. jejuni, Chlamydophila abortus fi C. decorum; maxxannee protozo’aa kanneen akka: Toxoplasma gondii, Neospora caninum, fi Sarcocystis jedhamu.

Sababa Dhukkuba Gatachiisaa Fidu

Dhukkubni gatachiisan gosa baakteeriyaa bruuseellaa/¬brucella jedhamuun dhufa.Jechi brucella jedhu kan fudhatame maqaa Ogeessa fayyaa biyya biritish kan ta’e Dr.David bruce, innis sanyii baakteeriyaa dhukkuba kana fidu namoota dhukkubsatan irraa qorannoon argate, maqaa brucella baakteeriyaadhaaf keenname jechudha.Bruuseellaan/¬brucella akka qoqqoodaminsa baakteeriyaatti graam naagativii dha.Booca uleegengoo ta’e qaba [Fakkii 1]. Dhukkubni gatachiisaan beeyladootaa akka saawwan, hoolaa, re’ee, farda, saree, boyyee fi gaala qaba.

Akkuma sanyiin beeyladoota adda adda ta’e sanyiin baakteeriyaas akkasuma addaa adda. Sanyii baakteeriyaa dhukkuba gatachiisaa fidu akka kanaa gadiitti jira:

  • Brucella melintensis: Hoolaa, Re’ee fi Gaala qaba.
  • Brucella ovis: Hoolaa qaba
  • Brucella abortus: Saawwa fi gaala qaba.
  • Brucella suis: Boyyee qaba
  • Brucella canis : Saree qaba
  • Sanyii baakteeriyaa armaan oliitti eeraman hundumtuu namatti Darbuu danda’u. Garuu irra caalaa kan namatti darbu, B.abortus, B.melitensis fi B.canis dha.

 

Karalee Daddarbinsa Dhukkuba Gatachiisaa

Baakteeriyaan bruuseellaa dil’uu, dhangalaa’oo ykn bishaan buubbee, miciree, dhangalaa’oo qaama hormaataa keessa bahu, aannan, silga, faaltii,mi’oo fi fincaan beeylada dhukkubsatee keessatti argama.Dhukkubni gatachiisaan( bruuseelloosiis) kan inni daddarbu karaa nyaataa, qilleensaa ykn hargansuu, maadaa ykn googaa cite jiruu, akka taasaa yommuu taallaallii yoo baakteeriyaa kana liqimsamutti fi karaa walqunnamtii saalaa ykn gaana ( beeyladoota kanneen akka sangaa, saawwa keessatti dhaabbataadha). Akkasumas karaaleen dhukkubni gatachiisaan gara namaatti daddarbu caqasamee jira [ Fakkii 2].Namoonni yeroo hedduu dhukkuba kanatti saaxilaman kanneen akka, warren mana yaalii( laboratory) keessa hojjeetan, ogeessa fayyaa beeyladootaa, horsiisee bulaa fi qote bulaa, warren mana qalii( qeeraa) keessa hojjetanidha.

Brucellosis-Symptoms-And-Diagnosis-2

Fakkii 1: Boca baakteeriyaa Brucellaa

 

Karaalee dhukkubni gatachiisaan( brucellosis) itti namatti daddarbuufi kan hin daddabarre
Karaalee dhukkubni bruuseelloosis ittin namatti daddarbuu fi sanyii namatti hin daddabarre

Fakkii 2: Akkaataa dhukkubni gatachiisaan gara namaatti itti daddarbu

Dhukkubni Gatachiisaan kan inni gara namaatti daddarbu karaalee gurguddoo armaan gadiitin:

  • Bu’aa beeyladoota irra argamu osoo hin bilcheesin soorachuu ( aannanni, dhadhaa, foon fi kk).
  • Dhangalaa’a beeylada dhukkubsateetti ofeegannoo malee yoo itti bu’ame ( fincaan, mi’oo, dhangala’oo qaama salaa keessa ba’u, bishaan bubbee , dil’uu fi miciree du’e kk).
     
  • Dhangala’aan kun yoo madaa ykn gogaa cite, tissue lallaftuu ija, funyaan fi afaan uffisee jirutti hoo faca’e salphaatti darbuu danda’a.
  • Karaa waalqunnamiitii salaa (venereal) kanneen darban : brucella suis, brucella ovis fi brucella canis.
  • Namoonni yeroo baay’ee dhukkuba kanneen saaxilaman Ogeessa fayyaa beeyladootaa, warreen mana qalii/abbator/qeraa keessa hojjetan, warra foon gurguran, warra adamsan, warra horsiisa beeyladoota fi qote bulaa dha.

 

 

Mallaattolee Dhukkuba Gatachiisaa

 

Baakteeriyaa bruseellaan kan inni keessatti jiraatu/wal horu kan akka xannacha limfii, tiruu fi dhuka lafee, sirna qaama akka loltuutti fayyadan kan akka maakroofeegii(macrophage).Pha-gocytosis/ farra qaama alagaa qabee to’annoo jala galcha. Seeloonni maakroofeegii qaama keessa , tiruu/hepatocyte, rajii/macrophage, kalee/kupifer cell, Mar’uummaan qal’aa(iliyeemii) keessaatti argamu peeyeerphatchii (peyer petches). Turtii yeroo dhukkubni gatachiisaa kun itti mallattoo mul’isu torbee tokkoo hanga sadiitti, tibba baakteeriyaan kun seelota armaan olii keessa turutti, saniin booddee mallatoleen kunniin ni mul’atu. Haalli guddachuu dhukkuba gatachiisaa erga seeloota qaamaa weerare akka Fakkii 3 irratti ibsamedha.

Akkaataa guddachuu dhukkuba gatachiisaa( pathogenesis)

Fakkii 3. Akkaataa bruusellaan gara qaamaa seenee, farra qaama alaagaadhan to’atamu, akkasumas guddina dhukkuba gatachiisaa.

Mallattoolwwn beeyladaa fi nama irratti mul’atan akka kanaa gadiitti jiru:

Mallattoo Sawwa Irratti Mul’atu: Gatachuu; yommuu dhalatu du’aa ta’a gatachiisaan kun ji’a 7 ffaa-8 ffaa irraatti sawwa akka gatatu taasisa[ Fakkii 4]., sabaabin isaas yeroo ji’a kanaatti sukkaarri Iritritol/erythritol jedhamu dil’uu keessatti, bakka dil’uun miciree fi haadhaa itti waal keessa seenanitti bay’inaan argama. Sukkaarrii kunis akka baakteeriyaan waal hooruuf haala mijeessa, yommuu baakteeriyaan sukkaara kana fixetti miciree miidhuudhan akka shalphaatti Sawwi akka gatattu taasisa. Sawwi tokko yeroo tokko gatatnaan lamaffaa hin gatattu sababiin isaas, beeyladni kun humna ittisa qaamaa horachuudhaan(immunity) dhukkuba kana irra aanuu dandeessi. Garuu booyyee keessatti yeroo maraa gatachiisa.Mallattooleen hoolaa fi re’ee keessatti ta’u akkuma kan saawwaa gatachuu fi kkf. Korbeessa hoolaa keessatti garmalee dhiita’uu cidhaanii fi dhalchuu dadhabuu beeyladati [Fakkii 5].

Haalli beeylani tokko itti gatachuu dandeessu akkuma kanaan olitti ibsamuu yaalametti, baakteeriyaan yommuu sukkaara “erythritol” fixe, dil’uun/coofira/ (placenta) baakteeriyaa bruuseellaadhan miidhamu/inflamation(placentitis)…sirna marsaa dhiiga miciree jeeqa,erga dil’uun miidhamee waan akka summii(toxin) seelii baakteeriya(gram negative) irraa uumama (endotoxin). Micireen gara jabbiitti gudachuuf deemtu summii kanaan jeeqamuun hatatamaan gara alaatti baahuu eegalti achiin booda adeemsa gatachuu beeyladaatu ta’a.

Fakkii 4. Saawwa jaabbii gatattee, jabbii gatatamtee jirtu, jabbii du’aa

Korma/Qotiyyoo Keessaatti Mallaattoolee Akkaa Kanaa Gadiiti:

Sirnaa waal hoormataa wajjiin kan waal qabatu: dhiita’uu cidhaanii/¬inflaameeshiinii cidhaanii (orchitis), kan ipididimii (epididymitis).Kormi erga dhukkuba kanaan qabamee, dhalchuu hin danda’u/sterile ta’a. Dhiita’uu buusaa miilla irraa ( hygromas) [Fakkii 5].

Fakkii 5. Mallattoo dhukkuba gatachiisaa dhiita’uu cidhaanii fi buusaa miilaa

Farda Keessaatti Mallaatooleen Jiraan:

Dhitoo waan akka malaa maddisiisuu mormaa fi nannoo gama fardaa irratti mul’atu dha.Mallaatooleen kunis afaan engliffaan “Poll evil and Fistulous wither” jedhama.

Poll Evil kan jedhamu inflameeshiinii bakka ribuu duuba buqee mataa fi morma walqabsiistu (nuchal ligament), lafee mormaa isa jalqabaa(atlas) fi lammaffaa(axis) ta’udha, bakka kanatti madaa’uudhaan malaan keessa fecece yaa’a.Fistulous Withers’ kun Infilaameshiinii bursa( caasaa dhangalaa’oodhaan guttee gidduu maashaa, ribuu fi lafeen ittii waltuqanitti argamudha, innis dhangala’oo rigata hir’isu of keessa qaba) gidduu ribuu nuchaalii (ribuu lafee mataa,gubbaa lafee mormaa irraa ka’ee gara dugda fi lafee isa duugda gubbatti deemudha) fi lafee lafee mormaatti aanu ykn lafee qara lafee qomaa( dorsal spines of thoracic vertebrae) gidduuti uumamadha [Fakkii 6].Yeroo farda waldhaannu of eegannoo gochuun eegumsa fayyaa isa jalqabaadha.

Fakkii 6. Mallattoo dhukkuba gatachiisaa Farda keessatti.

 Mallattoo Beeylada Xiqqoo Keessatti:

Mallattoon dhukkuba gatachiisaa Saree fi Adurree keessatti, infilaameeshinii sammuu fi dugugguruu dugdaa walqabatu, infilaameeshinii kutaa ijaa isa walakkaa (anterior uveitis) diimachuu baqaana ijaa isa walakkaa. Akkasumas,Dhiitaa’uu xannacha lymfii deemsa dadhabuu saree, dugdi dhukkubuu, buchillaan saree kan dhalatu dadhabduu fi dhukkubsatuudha, dhangala’oo qaama saalaa keessa yaa’uu, dhiita’uu cidhaanii fi infilameeshinii googaa cidhaanii( diimachuu fi dhukubsachuu ciidhaanii). Itti dabalees, sarootni dhukkuba kanaan qabaman ni gatatu, ilmoo du’aa dhalu [Fakkii 7].

Gatachiisaa saroota keessatti

Fakkii 7. Gatachiisaa saroota keessatti
 

Mallattoo Nama Keessaatti:

Gubinsa qaamaa kan dhaabbataa hin taane(‘Undulant fever’ (fluctuating, irregular fever); qorrisiisuu fi dafqisiisuu,feedhii nyaataa hir’achuu, lymfiinoodiin( xannachootni lymfii garmalee dhiitahuu,tiruu fi rajiin dhiitahuu ykn garmalee guddachuu( hepatosplenomegaly) ,dadhabbii maashaa, mataa dhukkubbii, dhukkubbii buusaa lafee, dhukkubbii waaliigalaa kan sirna narvii fi sirna marsaa dhiigaa wajjiin walqabatu.Garuu dubartii ulfaa irraa bahuu hin danda’u, sababiin isaas sukkaara erithritol (iritriitol) nama keessa hin jiru kanaafuu baakteeriyaan bruusellaan nama irraa ulfa baasuu hin danda’u. Dhiitoo naannoo koomee miilaa fi koronyoo,jilbaa lachanuu irraatti mul’atu, mallattoo nama bruseellaadhan qabameeti. Mallatoon dhiitoo kanaa buusaa quba miilaa fi koronyoo, buusaa quba miilaa isa shanaffaa baay’ee dhiitahee kan mul’atu akkuma Fakkii 8 irraa ibsamutti.

Dhukkuba bruuseellaa nama keessatti

Fakkii 8. Dhuukkuba gatachiisaa( bruuseelloosisii) nama keessatti, dhiita’uu quba miilaa ishee moggee fi koomee

Mallatoolee miciree gatatte irratti mul’atu

Dil’uun ykn coofirrii beeyladaa yoommuu baakteeriyaa bruseellaadhaan faalamutti, akka michireen gadameessa haadhaa keessa lakkifamtee gara alaatti baatu godha. Gad bahuun miciirees yeroon gaheetu osoo hin taane, ji’a torbaaffaa ( marsaa rimaa’ummaa isa sadaffaa) irratti beeyladootni akka gatatan waan taasisuuf, beeyladni toko gatachuu dandeessi jechuudha. Dil’uun ykn coofirri beeyladaa kan inni qabatee jiru, miciree fi dhangala’oo oota jedhamudha. Waanti miciree haguugee jiru dil’uu inni jedhamu, akkuma sanyii beeyladootaatti garagara. Dil’uun beeylada haguugee jiru akka quubaatti dhaaba gadameessa haadhaa wajjiin wal keessa galuudhaan kan walqabatu,karaadhuma sanaan hiddi handhuuraa dhaaba gadameessa hadhaa wajjiin waalsimuun miiciree soorata soora jechuudha. Erga dil’uun baakteeriyaadhaan faalamee , dil’uun infiilameeshinii waan uumuuf, akka seeloonii fi tishuun dil’uu du’u taasisa. Maadaan seelii ykn tishuu dil’uu du’ees ala dil’uu caasaa akka geengoo ykn cubursuu( cotyledons) jedhamu kan dil’uu irraa olbahee jiru irratti ni mul’ata. Akkasumas keessoo caasaa geengoo dil’uu irratti argamuu ykn kotileedonarii kan jedhamu irratti maadaan seelii du’ee baay’inaan argama. Caasaan kotileedonarii kunis erga faalamee booddee, kan foolii hin qabne, waanta akka dhangalaa’oo malaa daalacha fakkaatu fi daalacha- keelloo kan qabun guutee mul’ata [ Fakkii 9].

 

Fakkii 9. Mallattoo dhukkuba gatachiisaa( brucellosis) miciree fi dil’uu beeyladootaa irratti fidu.

Micireen ykn jabbiin gatatamtee jirtu, qaama ishee keessatti waantotni mul’atan , dhiitoo dhangala’oo dhan googaa jalatti kuufamee jiru ( subcutaneous oedema), dhiigni dhangala’oo keessa garaa fi laphee beeylada gatatamtee keessatti kan mul’atuu fi garaachii miciree ykn jabbii gatatamtee dhangala’oo baay’ee furdaa, keelloo ifaa fi wal harkisuutu mul’ata jechuudha. Waanti akka tuuqaa xixiqqoo kan adii somba jabii ykn miciree gatatamtee keessattii 1mm geessu tu mul’ata , innis qarqara somba beeyladaa irratti .

Qorannoo Yaala Dhukkuba Gatachiisaa

Dhukkuba gatachiisaa qorachuuf , edattoo funaannachuun ni barbaachisa. Edattoon (sample) kunis, dhiiga, fincaan, aannan fi dhangala’oo qaama beeyladaa keessa ba’u. Qorannoo dhukkuba gatachiisaa( bruseellaa) dhaaf eedattoon kan fuunaanamu, miciree gatatamtee jirtu irraa ykn dhangala’oo dil’uu irraa ta’uu danda’a. Kanneen akka garaacha, somba, rajii, dil’uu, dhangala’oo qaama saalaa, aannan, mi’oo, dhangalaa buusaa gidduu irraa fudhatamu,tishuu harmaa, xannacha lymfii kan gubbaa harmaa tti argamu irraa, gadameessa irraa fudhachuun ni daanda’ama.Qorannoo seeroology( serology) mala seramii dhiiga irraa ykn aannan irraa adda baasuudhan, adeemsa yaalii keessatti baakteeriyaa ittiin adda baasamu f kan gargaaru kanneen akka aannan, seeramii( erga dhiigni hititee ,dhangala’oo gubbaa dhiiga ittiteetti haafu), aareera, mi’oo. Kallattiidhaan maakroskoppii jalatti baakteeriyaa ilaaluuf kan gargaaru immoo eeddattoo qaama saalaa beeyladootaa irraa xaragamee fudhatame, aannaan bakka tokkotti kuufamee baakteeriyaa isaa horsiifame dha.

Gosoonni yaalii qoorannoo dhukkuba gatachiisaa akka kanaa gadiitti jiru:
Screening: Kun alkallattii dhumaan sababa dhukkubaa kana kan agarsiisudha, bakka hojiitti illee itti gargaaramuu ni dandaa’ama, Garuu malli kun sanyii baakteeriyaa adda baasee hin agarsiisu, sababa dhukkubaa sakata’ee hubachuuf malee/screening out. Garuu farri qaamaa(antigens) fi farri qaama alagaa(antibodies) yoommu isaan walqabatan mallattoo wahii agarsiisudha. Isaanis kanneen akka:
Rose bengal test (RBT),
MRT (milk ring test),
ELISA (enzyme linked immuno assay).
Complete fixation

 

Confirmatory: Qoorannoon karaa kana ta’u baay’ee mi’awaa kan ta’ee fi yeroo kan fudhatudha.Laaboraatoorii keessatti kan dalagamu, baakteeriyaa dhukkuba kana fidu addabaasee kan mul’isudha.

Kanneen confirmaatooriidhaaf gargaaran:
Qorannoo baayookeemistrii baakteeriyaa ( amala baakteeriyaa adda basee kan mul’isu) kunis kanneen akka, Ureas¬e test (qorannoo fincaanii), kataleesii ,ko’aaguleesii fi kkf.
PCR (polymerase chain reaction):Kun immoo DNA sanyii baakteeriyaa adda baasee agarsiisa,
Baakteeriyaa biqilchuudhaan horsiisuu (culture), achiin laaboratoorii keessatti caasaa sanyii baakyeeriyaa adda baasuudhan agarsiisa.
ElISA: Kun kan inni agarsiisu farri qaama bakteeriyaa dhukkuba gatachiisa akka beeylada keessa jiru kan agarsiisudha.
CF: farri qaama alagaa( antibodies) fi farri qaama( baakteeriyaa) kan walqabachuudhan ,mallattoo waahii agarsiisudha.

Miidhaa Dhukkubni Gatachiisaan Diinagdee Biyyaa Irratti Fidu

  • Jabbileewwan dhabamuu, sababiin isaas osoo hin gahiin sawwaan gatachuu fi jabbii du’aan dhalachuudhan baay’inni isaanii ni hir’ata.
  • Hammi oomisha aannanii xiqqaachuu.
  • Beeylada filataamaa ajjeesuu ykn qaluu, sanyii beeylada gaarii dhabuu
  • Galii biyya alaa irraa argamu, dhabbachaa/¬hir’achaa adeema, foon ykn beeylada biyya alaatti erguu hin dandaa’amu kanaafuu sharafinni alarraa argamu ni dhaabbata/hir’ata
  •   Qarshii qoricha waldhansaa fi qorannoodhaaf oolu irraatti bahu, diinagdee biyyaa kufisaa adeema
  • Akka beeylada gaarii hin oomishneef gufuu ta’a; kormi qotiyyoo dhukkuba kanaan qabame dhalchuu waan hin dandeenyeef bu’aa hin qabu kunis gabaa gaarii hin bitU.

Waldhaansa Dhukkuba Gatachisaa

Waldhaansi dhukkuba gatachiisaa nama keessatti baay’ee ulfaatu iyyuu akka yaaliin geggeefameetti farra baaktreriyaa/antibiotic kan gara namaatti dabarsuun dhukkuba kana ittisuun ni danda’ama.

Farri baakteeriyaa kunis kan akka tetraasykilinii/tetracycline,doksaasyklinii/doxycycline,isterepto¬omaaysinii/¬streptomycine,Walitti¬ dabalamee kara afaaniin ykn karaa maashaa irraan keennama.Beeylada dhukkuba kanaan qabame yaaluun baay’ee ulfaata, kanaafuu adda baasanii yaaluu, yoo baay’ee ulfaate beeylada sana qaluu ykn ajjeesuudha. Waldhaansi dhukkuba gatachiisaa beeyladoota keessatti baay’ee kan ta’u ykn kan yaalamu miti, baay’ee ulfaatadha. Sababiin waaldhansi isaa ulfaataa ta’eefis baakteeriyaan bruusellaa keessa seelii beeyladaa keessa waan jiraatuuf (maakroofee ykn jiixanachoota, xannacha harmaa fi qaama walhormaata beeyladootaa lymfii keessa dhokatee turuu danda’a). Qorichi farra baakteeriyaa dhukkuba gatachiisaa kana beeyladoota akka saawwaa, hoolaa keessatti yaaliidhaan qubsaa mit. Haata’u malee saree keessatti qorichi yeroo dheeraaf hojjetu (long acting antibiotic) brusellaa( B. canis) dhabamsiisuu danda’a. Farda keessatti garuu maadaa naannoo jalqaba lafee sammuu ( poll evil) ykn dugda gara mormaatti aanu( wither fistulous) maala baqaqsuudhaan maalaa keessa yaasuudhan , akkasumas qoricha farra baakteeriyaa keennudhaan waldhanuuni ni danda’ama.

Ittisaa Fi To’annoo Dhukkuba Gatachiisaa

Dhukkuba gatachiisaa to’achuudhaan dura itti gaafatamummaan jirtu, waa’ee dhukkuba kanaa uumata barsiisuun isa jalqabaat.Dhukkuba gatachiisaa dhabamsiisuu kan danda’amu jalqaba fayyaa beeyladoota yoo eegamedha.Fayyaa beeyladaa eeguuf immoo jalqaba duraa hubbannaa uumataaf keennun ni barbaachisa. Beeyladoota keessatti waldhaansa dhukkuba gatachiisaa irra to’annoon dhukkuba gatachiisaa baay’ee filatamaa kan ta’edha. Dhukkubni kun to’atame yoo ta’ee carraan daddarbinsa isaa waan xiqqaatuuf namoonnis ta’ee beeyladootni biroon dhukkuba kanaan saaxilamuu hin danda’an. To’annoo ykn karaan dhukkuba gatachiisaa kana itti dhabamsiifamus ykn itti balleefammus karaa talaallii, tarsimoo qorannoo beeyladaa irratti ta’u osoo mana qaalii ( qeeraa) hi dhaqiin duratti, karaa daldaala adda addaa beeyladoota dhukkubsatanii jiran qorannoo sirrii ta’een to’achuudha.Bakka dhukkubni bruuseellan itti hamaa ta’ee jirutti, hatattamaan beeylada dhukkubsatee jiru qaaluu ykn gubuudhaan dhabamsiisuudha. Karaalee dhukkubni gatachiisaan kun daddarbu ittisuudha, karaan daddarbina dhukkuba kanaas yommuu beeyladootni tokko tokko dil’uu mataa isaanii nyaatan,yommuu namootni of eegannoo malee harka duwwaadhaan dil’uu beeylada gatatteetti harkaan bu’an fi kkf [Fakkii 10].

Fakkii 10. Karaa salphaa dhukkubni gatachiisaan itti daddarbu

 

 

Dhukkuba kana dhabamsiisuuf ykn hir’isuudhaaf talaallin beeyladootaaf keennama, talaallin kunis gosa armaan gadiitu jira:

  • Baakteeriyaa jiraa (live vaccination), kan dadhabsiifame (live attenuated vaccination)
  • Baakteeriyaa du’e (killed vaccination Talaallin namaaf hammana bu’aa hin qabu, jalqabuma duraa fayyaa beeyladaa eegudha malee.

 

Talaallin gosa isa jiraa dadhabsiifame (live attenuated vaccination) jedhamu “B.abortus strain 19 fi B.abortus strain RB51,Gosti talaalli kanaa deebi’ee beeylada qabuu danda’a, beeylada riimaa gatachiisuu danda’a.Talaallin gosa isa du’aa(killed vaccination):Gosti kun baay’ee bareeda kan ta’e, beeylada umurii xiqqoo, beeylada human ittisaa hin qabnee fi beeylada riimaatiif barbaachiisaadha,sababiin isaas akka isa baakteeriyaa jiraa deebi’ee dhukkuba hin uumu , akkasumas hanga waaggaa tokkootti illee akka beeyladni humna ittisaa oomishee dhukkuba kana ofirraa ittisuuf kan gargaarudha. Gosti isaas kanneen akka B.abortus strain 45/20 fi B.melitensis H38.Ittisni fi too’annoon dhukkuba gatachiisaa saayinsii fayyaa namaa qoratu, kan naannoo fi beeyladaa irraa ittigaafatamummaa guddaa gaafata.

Waalumaa galatti kanneen armaan gadii maloota ittin dhukkuba gatachiisaa itti to’annuu fi ittisnudha:

*Beeylada dhukkuba kanaan qabame adda baasuudhan waldhaanuu
*Dhangalaa’a beeylada dhukkubsate irraa ofeegachuu
*Beeyladoota talaaluu
*Beeylada du’e fi dil’uu sawwaa gatattee ofeegannoodhan fuudhanii gubuu ykn awwaaluu
 * Aannan, foonii fi bu’aa beeylada irraa argamu bilcheessanii soorachuu
 * Yommuu Ogeessi beeylada beeylada dhukkubsate waldhaanutti, shurraaba plastika harkaa (glove) godhachuudhaan hojjeechuu, waanta fuula ittin aguugatan fayyadamuu ;fkn yeroo dil’uun gadameessa sawwaa keessatti hafu ofeegannoodhaan baasuu
*Yommuu madaa fardaa dhiqamutti (wound management) ofeegannoo barbaachisaadhan dalaguu fkn akka tasaa gloviin (shuurab harkaa plastiik inni ta’e cituu danda’a yommuusanatti akka tasaa madaa ykn gogaa citaa harka argannaan Salphaatti namatti darba.
* Ofeegannoo ijaa fi fuunyaan irraatti ta’uu qabu, akka tasaa dhangalaa’oon qaama beeylada dhukkubsate irraa gara tissue lallaftuu ijaa, fuunyaan fi afaanitti nam’inaan dhukkubni kun darbuu danda’a.

 

Guduunfaa Fi Gorsa

Dhukkubni gatachiisaan baakteeriyaa sanyiin isaa bruuseellaa(brucella) jedhamun kan dhufudha. Baakteeriyaan kunis kan inni jaalatu seelota qaama keessa kannen akka xannachoota linfii, maakrofeejii qaama keessatti argaman fi kk.Dhukkubni kun diinagdee biyyaa irratti dhiibbaa gudaa kan fiduu dha ,akkasumas fayyaa namaa fi beeyladaarakkoo haama geesisa. Mallatooleen dhukkuba gatachiisaa, beeyladootni akka gatatan kan taasisu,dhagna gubaa nama keessatti fi irraa baasuun nama keessa kan hin jiredha. Qoraannoon baakteeriyaa kana irratti taasisamu biyya keenya irratti gahaa miti,sabaabin isaas waantotni qorannoof barbaachisan gahaa waan hin taaneef,haa ta’umalee akka waliigalaatti malli qorannoo dhukkuba kanaa qorannoo dhiiga irratti ta’u,farra qaama adda basuuf ( serological screening test), ELISA, Complex fixation fi maakroskooppii jalatti mala baakteeriiyaa ittin ilaalan,PCR fi qorannoo aannanii irratti ta’u( Milk ring test).Ittisni fi to’annoon dhukkuba kanaa itti gaafatamummaa laammilee hundumati, fayyaa namaa,kan beeyladaa, kan naannoo fi kan biro ilaallata. Fayyaan tokko,fayyaa beeyladaa yoo eegame kan namaas eegama.Waalumaa galatti dhukkubni gatachiisaan dhukkuba haamaa baay’ina beeylada oromiyaa hir’isaa jirudha.Marree qorannoon gara fuulduraa ,rakkinoota qorannoof ta’an mootummaan sirreesse Ogeessootni faayyaa akka qoorachuuf of qopheessan dhamsa dabarsa.

AKKUMA GUDDUNFAA ARMAAN OLIITTI GORSII FI ERGAAN GARA FUULDURATTI JIRU:

Namootni hundumtuu yeroo beeylada isaa waldhaanuu of eegannoo guddaa gochuu qaba.Tatamsaa’ina dhukkuba kanaa hir’isuudhaaf, muummeen barnoota kamiyyuu qotee bulaa dabalatee duula irratti gochuu qaba.Mootummaan akka qorannoon fi to’annoon dhukkuba kanaa itti adeemsisamu haala mijeessu qabaata.Ogeesoonni fayyaa kan namaa,kan beeyladaa xiyyeeffannoo itti keennudhan uummata barsiisuun gahee isa jalqabaadha,akkasumas mala ittisa dhukkuba kanaa barbaaduu qabaatu. Uumman yommuu beeylada dhukkuba kanaan qabame argan hatatamaan awwaaluu ykn gubuun to’annoo isa jalqaabati.Beeyladootni hin qabamiin talaalamuun isaan irra jira,Mootummaanis talaallin dhukkuba gatachiisa akka naannoo dhukkubni kun ka’uuf deemutti akka taalalli diriirsu eergaa isa jabaadha.

Wabii Barreeffama Kanaa/Reference

Moreno, E. 2014.Retrospective and prospective perspectives on zoonotic brucellosis. Front Microbiol. , 5:1–18.

Seleem, M. N., Boyle, S. M., Sriranganathan, N. 2010. Brucellosis: A re-emerging zoonosis. Veterinary Microbiology 140:392–398.

Taleski, V., Zerva, L., Kantardijev, T., Cvetnic, Z., Erski-Biljic, M. et al. 2002.An overview of the epidemiology and epizootiology of brucellosis in selected countries of Central and Southeast Europe. Veterinary Microbiology 90:147–155.

Hagan, W. A., Bruner, W. D.Hagan and Bruner’s Microbiology and Infectious Diseases of Domestic Animals: With Reference to Etiology, Epizootiology, Pathogenesis, Immunity, Diagnosis, and Antimicrobial Susceptibility . Ithaca: Comstock Publ., 1992. Print.

Young, E. J., M.D. “Brucella species (Brucellosis).” Infectious Disease and Antimicrobial Agents.Antimicrobe, 2014 Web.

Moreno, E. and Moriyon, I. 2002. Brucella melitensis: A nasty bug with hidden credentials for virulence.Proc. Natl. Acad. Sci. USA. 99:1–3.

Godfroid, J., Garin-Bastuji, B., Saegerman, C., Blasco, J. M. 2013.Brucellosis in terrestrial wildlife. Rev. sci. tech. Off. int. Epiz., 32:27–42.

Schurig, G. G., Sriranganathan, N., Corbel, M. J. 2002. Brucellosis vaccines: past, present and future.Veterinary Microbiology , 90:479–496.

Brucella Melitensis.”database of bacterial food pathogen. birla institute of scientific research, 2015.web available: http://¬bioinfo.bisr.res.in/¬cgi-bin/project/¬dofpath/¬get_details.cgi?group-=bacteria&&organism=¬Brucella+melitensis .

Bourne, D. “Brucella abortus.”Brucella abortus (Bacterial Type). Twycross Zoo, n.d. Web.
Ariza, J., Bosilkovski, M., Cascio, A., Colmenero, J. D., Corbel, M. J., Falagas, M. E., et al. 2007. Perspectives for the Treatment of Brucellosis in the 21st Century: The Ioannina Recommendations. PLoS Med 4(12):317.

Ariza, J., Bosilkovski, M., Cascio, A., Colmenero, J. D. et al. “Perspectives for the Treatment of Brucellosis in the 21st Century: The Ioannina Recommendations.” 2008. PLoS Med 4(12): e317

Wyatt, H. V. 2013. Lessons from the history of brucellosis. Rev. sci. tech. Off. int. Epiz., 32:17–25.

Nicoletti, P. 2002. A short history of brucellosis. Veterinary Microbiology 90:5–9.
Wyatt, H. V. 2005. How Themistocles Zammit found Malta Fever (brucellosis) to be transmitted by the milk of goats. J. R. Soc. Med. 98:451–454.

Wong, K. “Brucella melitensis.” MicrobeWiki.Kenyon College. 7 July 2011. Web.
Corbel, M. J. Brucellosis in Humans and Animals .World Health Organization. 2006. Print.

Al Dahouk, S., Sprague, L. D., Neubauer, H. 2013 New developments in the diagnostic procedures for zoonotic brucellosis in humans. Rev. sci. tech. Off. int. Epiz., 32:177–188.

Corbel, M. J. Brucellosis in Humans and Animals .World Health Organization. 2006. Print.
Zoonoses.” Health Concerns to be Aware of When Working With Wildlife. Wildlife Rehab Info.n.d. Web.

Bourne, D. “Brucella suis.” Brucella suis (Bacterial Type). Twycross Zoo, n. d. Web.
Schlafer DH, Miller RB. Female genital system. In: Maxie MG, ed. Jubb, Kennedy, and Palmers Pathology of Domestic Animals. 5th ed. Vol 3. Philadelphia, PA: Saunders Elsevier; 2007:484-9, 490-516.

Thompson K. Bones and joints. In: Maxie MG, ed. Jubb, Kennedy, and Palmers Pathology of Domestic Animals. 5th ed. Vol 1. Philadelphia, PA: Saunders Elsevier; 2007:172-3.

Radostits, O.M.; Gay, C.C.; Blood, D.C.; and Hinchcliff, K.W. (2000): “Brucellosis In: Veterinary Medicine A textbook of the diseases of cattle, sheep, pigs, goats and horses”.9th Edit.W. B. Saunders Company Ltd. London, New York, Philadelphia, San Francisco St Louis, Sydney.

Brucellosis. Website available at: http://osp.mans.edu.eg/elsawalhy/Inf-Dis/brucellosis.htm

 

Fayyaa Beeyladoota Oromiyaa

DHUKKUBA SAREE MARAATUU (RABIES DISEASE)


Sensa*

Dhukkuba Saree maraatuu isaa afaan Engilizin rabies jedhamudhukkubni kun kan inni dhufe Baayrasii Lyssa jedhamuun kan dhufudha.’Lyssa’ jechuun jecha Laatin ‘maraachuu’ jedhu irraa kan fudhatamedha.Warra (family) Baayirasii kanaa “Rhabdoviridae” jedhama; jecha ‘ rhabdo’ jedhamu irraa fudhatame. Rhabdo jechuun kan ulee( rod) fakkaatu jechuudha.Marree casaan seelii Baayirasiin kanaa ulee  ykn rasaasa waan fakkaatuf warra ulee fakkaatan(Rhabdoviridae) jedhame(Fakkii 1). Qacceen(Genus) isaa immo lyssa virus jedhama. Baayrasiin kun ifa aduu fi ho’a, keemikaala akka saamunaa fi kan biroo damdamachuu waan hin dandeenyef dafee saaxila ba’ama ykn du’a. Bineensota warreen dhiigni isaanii ho’aa ta’an hunduma isaanii qabuu danda’a; garuu simbirroonni dhukkuba kaanaan qabamu hin danda’an sababiin isaanii poiklothermis waan ta’aniif.Hammi ho’ina qaama simbirrootaa (body temperature) waan baay’ee olka’aa ta’eef (41-42 °c) baayirasiin kun simbirroota hin qabu.

bullet

Fakkii 1: Caasaa baayrasii dhukkuba saree maraatuu fidu( rasaasa kan fakkatu)

Akkataa dhukkubni saree maraatuu ittiin daddarbu

Tibbi dhukkubni Saree maraatuu itti hedduumatu yeroo Saroonni gaanaaf (mating) oliif gad yaatu, gannaa fi birraa dha.Yeroo kanatti Sarootni akka salphaatti dhukkuba kana walitti daddabarsuu dandeessi, akkasumas Sardidoo, Yeeyyii fi kanneen biroo wajjin illee waal argu waan ta’eef dhukkubaaf saaxilamu.Dhukkubni Saree maraatuu kan inni Beeylada tokko irraa gara Namaatti ykn Beeylada biraatti ittin daddarbu yommuu hancufaan ykn goggorri Beeylada dhukkubaan qabamte qaama seelii, madaa ykn citinsa googaa beeylada ykn Nama yoo tuqedha.Akka qorannoon tokko tokko mul’isutti Baayiraasiin dhukkuba kana fidu dhiigaa Beeylada keessa hin jiruu jedha, sabaabiin isaas baayirasiin kun narvoota waan jaalatuuf hiddi dhiigaa ykn dhiigni narvootaan hagasmara waliitti hin hidhamu.Kanaafuu dhukkubni Saree maraatuu dhiigaan hin darbu jechuudha.Akkasumas dhangalaa’aa qaama keessa baahuun hancuufaa fi immimaaniin ala hagasmara hin darbu.

Immimaani fi hancufni nervootaan waan wal qabatuuf baayirasiin kun sammuu erga yaabbatee boddee narvoota kana keessan gara xannaachoota hancuufa fi immimmaani dhufa. Erga xannacha hancufaa qaqqabee boddee hancuufa keessa tura.Beeyladni yommuu nama ciniintu baayirasiin kun qaama bakka ciniiname sanaan narvoota maashaa fi gogaa wajjiin waal qabatan seena achiin booda waal hora( seelii maashaa “Myocyte”) jedhamu keessati waal hoora) ==> gara sammuutti imala isaa eegala==> ammas hidda narvii kan duggugguruu dugdaa isa gubbaa (dorsal ganglion) isa jedhamuu keessatti waal hora)==> kutaa sammuu cereberal cortex hippocampus qaqqabuudhaan narvoota waal xaxoo achi keessa akkasumas qaamota achi keessa miidha==>ammas narvoota qabachuudhaan gara xannachootatti imala isaa eegala erga qaqqabee hancufa keessatti kuufama( Figure 2).

Hancuufni beeylada dhukkubsattee yoo qaama ykn seelii lallaafaa (mucous membrane) tuqe dhukkubni kun darbuu danda’a. Qaamni lallafaan kunis kan akka ijaa(conjuctival mucous membrane), qaama happii (mucous membrane funyaan fi afaan keessa (oral and nasal mucous memebrane fi kk). Bakki sammuu keessa hippocampus jedhamu akka waa yaaduu (brain memory) kan gargaarudha. Qorannoo labooratoory keessaatti tishuun kutaa sammuu Beeylada dhukkuba kanaan qabame keessaa fudhatame erga adeemsa qorannoo seelii (tissue proccesing) ta’ee boddee; meeshaa Maakrooskopii jedhamu keessatti “Negri body” kan jedhamu argama. Negro body jechuun qaama gurraacha jechuudha bakka baayirasiin kun midhe du’ee gurraacha ta’a.

 

9915620_orig.png
Akkataa dhukkubni saree baratuu nama keessatti guddatu

 

Figure 2. Akkataa dhukkubni saree maraatuu itti nama  qabu.

Rabid raccoons are dangerous to dogs
Adeemsa sareen itti dhukkuba kanaan qabamtu

Fakki 3. Akkata sareen itti dhukkuba kanaan qabamtu

Turtii baayrasiin maraachaa gara sammuutti taasisu hanga mallattoon dhukkuba itti mul’atu/ incubation period

Turtiin kun kan inni ta’u beeyladni tokko ciniinamee hanga mallattooleen irraatti mul’atanitti jechuudha. Turtiin kunis waantota kanaa gadii irratti hundaa’a:
1.Hamma baay’ina baayirasii qaama seene
2.Sanyii baayirasii
3.Bakka ciniiname (bakki ciniiname yoo gara sammuutti dhiyaacha adeeme turtiin mul’achuu mallattoo ni gababbata ykn saffisa )
4.Humna ittisa beeyladaa
5.Hammaanta madaa bakka ciniiname yoo bal’aa ta’e hammi hancuufaa baayirasii bay’ee wajjiin itti seena.
Saree fi Adurree irratti kan inn amul’atu guyyaa 10 hanga ji’a 6 tti
Ykn immoo torbee lamaa hanga ji’a sadiitti
Sawwaan irraattii immoo guyyaa 25 hanga ji’a 5 tti

Mallattoolee dhukkuba saree maraatuu

Mallattooleen beeylada tokko irratti mul’atu bakka saditti qoodama isaanis:

1.Prodromal stage/reefu kan irratti mul’atu waanta akka soodaa, of dadhabuu, of wallaluu, amaloota duraan jiru jijjiruu kan akka sagalee fi kkf.
2. Furious stage/sadarkaa baay’ee si’aayinaa sadarkaa kanatti gutummaan gutuutti yeroo beeyladni tokko amala duraan qabu jijjiirudha.Akka fakkenyaatti yeroo waanuma arge ciniinu,Muka cininuu,ilkaan irraa caccaba yommuu sibila ciniinutti, agartuun ijaa isheen gurraatiin bal’achuu ykn ija babaasuu,sagalee jijjiruudhan bokkisuu; himimsuu; dutuu, olif gad figuu,[ fedhiin ariisaa (sexual desire) itti baay’achuu fkn hoolaaf].

3. Paralytic stage/sadarkaa lamsheessaa
Sadarkaan kun immoo kan ta’u isa dhumaa yeroo Baayirasiin kun sammuu Beeyladaa keessatti baay’atee narvoota sammuu miidhudhaan mul’atudha. Narvoonni midhaman tanaan maashaan ni lamsha’a. Mallatooleen isaas gororsisuu, bishaan jibbisisuu(hydrophobia), nyaata liqimsuu dadhabuu, Nama illee cininuu barbaadu garuu hin danda’an sababiin isaa maashaan mangagaa fi liqimsituu waan laamsha’uuf.

Dhuma irratti Beeyladni ykn Namni kan inni du’uuf sababa guddaa kan ta’u laamsha’uu maashaa hargansuuf tajaajilu kan akka maashaa qoomaa/cinaachaa isa keessa fi alaa, maashaa diyaafraamii dha. Maashaan kun kotoonfatee ykn diriireetu haala hargansuu Beeylada tokkoof gargaara, yommuu laamsha’etti (paralysed) Beeyladni harganuu dadhabuudhan du’a.

13-researchreve

viruses-04-00117-g006-1024rabies mechanism binding

Fakkii 4. Tooftaa baayrasiin itti gara narvii adeemuuni itti qabatee gara sammuu deemu

To’ annoo fi ittisa dhukkuba saree maraatuu

Dhukkubni saree maraatuu kun baay’ee hamaa waan ta’eef, ittigaafatamummaan ittisaa fi to’annoo dhukkuba kanaa nama kamirraallee ni eegama.

Haaluma kanaan akkataan ittisa fi to’annoo dhukkuba Saree maraatuu akka armaan gadiiti tarreefama:
1.Saroota magaalaa keessa olif gad joortu dhabamsisuu
2.Beeylada Saree hidhuudhan hamma dandaa’ametti bineensa akka Jeedala, Yeeyyii ykn kan biroo irraa ittisuu
3.Beeylada talaalchisuu
4.Beeyladni tokko yoo qabame qobaatti hamma guyyaa 10tti hidhanii yaaluu
5.Beeylada Saree dhukkuba kanaan qabamte hatatamaan ajjeesu dha
6.Namni tokko yoo Sareedhaan ciniiname Yommuudhuma sanatti saamunaa fi bishaaniin bakka madaa’e dhiquu, sababiin dhiquu Baayirasiin kun uumamaan wanneen akka saamunaa; alkoolii fi kk damdamachuu waan hin dandeenyeef hammi isaa ni bada Kanaan boddee gara mana yaala geessudha.

Talaalli beeyladootaa fi namaaf kennamu

Talaalli jechuun akka qaamni namaa ykn Beeyladaa humna ittisaa dhukkubaa baay’ifatuu akkataa prootinii gara qaama beeyladaa ykn namaatti dabarsanidha. Protiniin(farra qaamaa) kunis waanuma dhukkuba sana fidu irraa kan qophaa’udha, yeroo gara qaamatti seenu seelonni qaamaa keessaa akka farri qaama alagaa(Antibody) omishaman godhu kan akka Imminoglobulin (Ig G, Ig A, Ig M, Ig E, Ig D). Farri qaama(antigen) kannen akka (baayirasii, baakteriyaa, fangasii fi maxxannee qamaa/internal parasite ) immoo farra qaama alagaa maddee jiruun to’annoo jala galu. Yommuu farri qaama alagaa kun hin jirretti farri qaamaa akka barbaadetti seelii qaamaa miidha. Talaallin kun Madiinummaa argannoo jedhama, Madiinummaa jechuun kan qaamni tokko itti humna ittisa argatudha.

Madiinummaanis bakka lamatti qoodama isaaniis:
1.Madiinummaa uumama ykn sinsinnee /active immunity [ uumaman kan jiru immuniglobulin A ].
2.Madiinummaa argattee/passive immunity [ Silga ykn colostrum; talaalli].

Gosoonni taalallis akkataa sanyii dhukkuba fidu irraatti hundaa’ee akka kanaa gadiitti jira isaanis kan ajjeeffame ykn dadhabsiifame( attenuated or killed vaccination); kan jiraa(live vaccination) jechuudhan qoodamu.

Talaallin kunis kan gargaaru to’annoo ( control) fi ittisa (prevention) dhukkubatiif. To’annoo/control dhukkuba inni jedhamu erga dhukkubni tokko Beeylada ykn Nama qabee akka inni gara birootti hin tatamsaane to’achuudha.Karaa biroon ittisa inni jedhu immoo akkuma maqaa isaa utuu dhukkubni tokko gara Beeylada ykn Nama hin dhufiin dura ittisa godhamudha, ittisni kunis qulqullina nannoo fi dhuunfaa akkasumas fayyaa nannoo eguudhan ittisuudha.Talaallin ittisaaf ta’u Beeyladni dhukkubaan otoo hin qabamin dura akka Beeyladootni humna ittisa qaama isaanii keessa baay’ifataniif gargaara.Waanti kun akkuma biyyi tokko otoo hin weeraramiin dura humna ittisaa omishatu qaamni Namas ta’e kan Beeyladaa humna omishata

Egaa akkataan talaalli dhukkuba saree maraatuu bakka gurguddaa lamatti hiramee ilaalama isaanis:
1.Erga dhukkubni kun qaama seene (post exposure)
2.Osoo dhukkubni kun qaama hin seeniin( pre exposure).

Talaallii erga dhukkubni Saree maraatuu Beeylada ykn Nama qabee kan keennamu ( Post exposure prophylactic vaccination /PEP)

Erga dhukkubni qaama Beeylada tokkoo seene, Beeylada sana gara fayyumaatti fiduun baay’ee ulfaatadha sababiin isaa kutaa sammuu beeyladaa qabateera tanaan ; kuta sammuu cereberal cortex( baaduu sammuu ) kessaa hippocampus kan jeedhamu miidha.Sammuun miidhame jennaan immoo beeyladni gara maraatummaati,deema.

Kanaafuu Saree dhukkuba kanaan qabamte hatatamaan ajjeesuudha.Garuu namni sareedhan ciniiname hatattamaan gara mana yaala deemuun talaalamu qaba.Taalallin kunis akka qoriichaatti kan sanyii baayrasii sana irraa hojjetamu maashaa Namaa naannoo handhuuraa irratti keennama.Sababiin naannoo handhuuraa irra ta’eef bakki kun narvoota baay’eedhan kan uffifamee jirudha, bayirasiin dhukkuba saree maraatuu fidu garuu narvoota waan jaalatuuf(neurotrophic).

Guyyaan talaalli dhukkuba saree maraatuu itti keennamu (karaa gogaa jalaan ykn maashaa irraanidha) innis akka armaan gadiitti:
1.Guyyaa jalqabaa akkuma ciniinameen
2.Guyyaa 3 ffaatti
3.Guyyaa 7 ffaatti
4.Guyyaa 14 ffaatti
*Nama duraan talaalli fudhatee yoo deebi’ee beeylada dhukkubsateen ciniiname, akka kanaa gadiitti talaalama:
→Guyyaa jalqaba ciniiname
→ Guyyaa 3ffaatti

Talaalli osoo beeyladni tokko dhukkuba saree maraatuu (rabies) dhaan hin qabamiin keennamu (pre exposure prophylaxis /pep)

Talaalliin kun osoo Beeyladni tokko dhukkuba maraachaa kana wajjin waal hin argiin, qaamni Beeyladaa akka looltuu omishatuuf kan gargaarudha. Kun ittisa dhukkuba saree maraatuuf fayyada, akka beeylada hin qabneef humna ittisa qaama(immunity) Beeyladni ykn namaaf dabala.Ergasii beeyldootni ykn namni yoo ciniiname dhukkuba kanaan akka leeyyootti hin qabamu hin danda’u jechuudha.

Guyyaa taalallin kun itti keennamu akka kanaa gadiitti:
1.Guyyaa jalqabaa
2.Guyyaa 7ffaatti
3.Guyyaa 21ffaa ykn 28ffaatti